Draft:Firaansis


➞➞➞◉Towbaa fi ulaagaalee isaa◉➞➞➞

Towbaan akkaataa fi ulaagaa ittiin raawwatamu qaba, innis ulaagaa mataasaa qaba waan taheef ulaagaa sana keessaa tokko yoo hir'ate towbaa guutuu hin jedhamu.

Ulaagaaleen towbaa:

1➾TOWBAA SANA QULQULLEESSUU.

➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠

Kana jechuun dhugumaan rabbitti deebi'uu kee mul'isi  sababni badii sanarraa deebiteef rabbiin waan sodaatteef akkasumas rabbiin waan abdatteef tahuu qaba. Guddina rabbii hubachuu kee mirkaneessita. Sodaa namaa yookiin sodaa badiin kee saaxilamuu baqaaf as deebi'uu tahuu hin qabu.

2➾BADII RAAWWATAA JIRTU NI DHIISTA

➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠

Dogongora raawwatte sana tasuma akka itti hin deebine yookiin irra deebitee hin raawwanne cittee irraa hafuu qabda.

3➾BADII SANA AKKA ITTI HIN DEEBINEEF WAADAA SEENTA

➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠

Akkaataan ittiin waadaa kana seentu:  badii sana nii tuffatta, kaayyoo guddaa uumamteef yaadatta.

4➾BADII RAAWWACHAA TURTEEF SHEENAWU

➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠

Hammeenya ishiin qabdu yaadachuudhaan gaarummaa towbaafi iimaana kanaan wal bira qabuun madaaluu.

5➾HAQA NAMAA DEEBISUU

➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠➠

Yoo haqa namaa waliin kan wal qabatu tahe ofirraa galchuu. Yoo haqa namaa sana ofirraa hin galchitu tahe towbaan sun towbaa sirrii yookiin qulqulluu hin jedhamu.

Hubataa namaa jechuun nama towbatuudha Kanaaf hundi keenya yeroo hunda yaadannee haa towbannu sababni isaa dhalli namaa dogongoraa fi guyyaa itti addunyaarraa deemnu hin beeknu waan taheef.




References

Retrieved from "https://en.wikipedia.org/w/index.php?title=Draft:Firaansis&oldid=1187112209"